-
Lakkoofsa 1:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Sanyiin Yoseef karaa Efreem+ argaman maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 33 gosa Efreem keessaa kan galmeeffaman namoota 40,500 turan.
-