-
Uumama 9:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Itti dabaluudhaanis Waaqayyo akkana jedhe: “Kun dhaloota gara fuulduraatti dhufu hundumaatiif, kakuu ani ofii fi isin gidduutti, akkasumas ofii fi uumamawwan jiraatoo isinii wajjin jiran hundumaa gidduutti galuuf mallattoo ni taʼa. 13 Ani sabbata koo duumessa keessa nan kaaʼa; innis anaa fi lafa gidduutti mallattoo kakuu taʼee ni tajaajila.
-