9 Inni Yihowaa mormuudhaan adamsituu jabaa taʼe. Jechi, “Inni akkuma Naamrud isa Yihowaa mormuudhaan adamsituu jabaa taʼe sanaa ti” jedhu kan dhufe kana irraa ture. 10 Magaalonni bulchiinsa isaa jala turan warri jalqabaa Baabel,+ Eereek,+ Akaadii fi Kaalnee warra biyya Shinaar+ keessa jiran turan.