LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 12:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kanaafuu, Abraam akkuma Yihowaan itti himetti ni deeme; Looxis isaa wajjin deeme. Abraam yommuu Kaaraan keessaa baʼee deemetti umuriin isaa waggaa 75 ture.+

  • Uumama 27:42, 43
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Ribqaan wanti ilmi ishii inni angafaa Esaawu dubbate yommuu itti himamu, yeruma sana ilma ishii isa quxisuu Yaaqoobitti ergitee erga waamsistee booda akkana isaan jette: “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesuudhaan haaloo baʼuuf karoorfateera.* 43 Egaa yaa ilma koo, akkuman siin jedhu godhi. Kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaan isa Kaaraan jirutti baqadhu.+

  • Hojii Ergamootaa 7:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Isxifaanosis deebisee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa abbootii koo, na dhagaʼaa. Waaqni ulfinaa, abbaan keenya Abrahaam Kaaraan keessa jiraachuu isaa dura utuma Mesophotaamiyaa keessa jiruu isatti mulʼatee,+

  • Hojii Ergamootaa 7:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis inni biyya Kaladootaa keessaa baʼee, Kaaraan keessa jiraachuu jalqabe. Erga abbaan isaa duʼee booda+ immoo, Waaqayyo achii isa kaasee bakka isin amma jiraattan kanatti isa galche.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi