11 Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe: “Obboleessi koo Esaawu nama qaamni isaa rifeensa hedduu qabu dha;+ qaamni koo garuu rifeensa hin qabu. 12 Abbaan koo qaqqabee yoo na ilaale hoo?+ Isatti qoosaa waanan jiru fakkaachuu dandaʼa; anis eebba utuu hin taʼin abaarsan ofitti fida.”