-
Uumama 25:32-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Esaawus itti fufuudhaan, “Kunoo, ani duʼuufan jedha! Mirgi angafummaa maal na fayyada ree?” jedhe. 33 Yaaqoob immoo, “Jalqaba naaf kakadhu!” isaan jedhe. Kanaafuu, inni isaaf ni kakate; mirga angafummaa isaas Yaaqoobitti ni gurgure.+ 34 Achiis Yaaqoob daabboo fi ittoo misiraa Esaawuuf ni kenne; innis ni nyaate, ni dhuge; achiis kaʼee deeme. Akka kanaan Esaawu mirga angafummaa isaa ni tuffate.
-