-
1 Seenaa Baraa 2:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Ilmaan Yihudaa, Eer, Onaanii fi Sheelaa turan. Yihudaan ilmaan kana sadan kan dhalche intala Shuʼaa Kanaʼaanittii irraa ture.+ Haa taʼu malee, Eer ilmi Yihudaa inni angafaa Yihowaa waan gaddisiiseef, inni isa ni ajjeese.+ 4 Taamaar+ ishiin haadha manaa ilma Yihudaa taate, Faaresii+ fi Zaaraa isaaf ni deesse. Yihudaan walumaa galatti ilmaan shan qaba ture.
-