LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 26:7-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Dunkaana godoo qulqulluu sana akka uwwisuuf rifeensa reʼee+ irraa huccuuwwan ni tolchita. Huccuuwwan dunkaanaa 11 ni tolchita.+ 8 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma 30, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 haa taʼu. Huccuuwwan dunkaanaa 11n hundi hammi isaanii qixxee haa taʼu. 9 Huccuuwwan dunkaanaa shan walitti qabsiisi; huccuuwwan dunkaanaa kaan jaʼas walitti qabsiisi; huccuu dunkaanaa isa jaʼaffaa karaa fuuldura dunkaanichaatiin ol dachaasi. 10 Huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman keessaa qarqara huccuu isa tokkoo, jechuunis huccuu isa dhumaa irratti gurroowwan 50 ni tolchita; huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman kaan keessaa qarqara huccuu bakka isa kaanii wajjin itti wal qabatu irrattis gurroowwan 50 tolchita. 11 Sibiila diimaa irraa wal qabsiistuu 50 tolchitee wal qabsiistuu sana gurroowwan keessa galchitee dunkaanicha wal qabsiista; akka kanaan huccuun dunkaanichaa tokko ni taʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi