-
Baʼuu 30:23-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 “Itti aansuudhaan urgooftuuwwan filatamoo taʼan kana fudhadhu: qumbii itite sheeqilii 500, walakkaa kanaa, jechuunis qarafaa miʼaawaa sheeqilii 250, qayya citaa sheeqilii 250, 24 qaasiyaa* sheeqelii 500, akkasumas zayitii ejersaa hiinii* tokko; kunis akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa* taʼe sanaatti+ haa taʼu. 25 Achiis isa irraa zayitii dibataa qulqulluu qopheessi; inni ogummaadhaan kan walitti makame haa taʼu.+ Innis zayitii dibataa qulqulluu ni taʼa.
-