Baʼuu 1:11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Kanaafuu, hojii cimaadhaan isaan cunqursuuf, ajajjoota hojii dirqamaa hojjechiisan isaan irratti muudan;+ isaanis Faraʼooniif magaalota midhaanii fi miʼawwan itti kuufaman warra Phiitomii fi Raamsees+ jedhaman ijaaran. Baʼuu 3:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 Yihowaanis itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.+ Hojii Ergamootaa 7:23 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 23 “Yeroo umuriin isaa waggaa 40 taʼu, ilmaan Israaʼel warri obboloota isaa taʼan haala akkamii keessa akka jiran ilaaluuf* garaa isaatti murteesse.+
11 Kanaafuu, hojii cimaadhaan isaan cunqursuuf, ajajjoota hojii dirqamaa hojjechiisan isaan irratti muudan;+ isaanis Faraʼooniif magaalota midhaanii fi miʼawwan itti kuufaman warra Phiitomii fi Raamsees+ jedhaman ijaaran.
7 Yihowaanis itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.+
23 “Yeroo umuriin isaa waggaa 40 taʼu, ilmaan Israaʼel warri obboloota isaa taʼan haala akkamii keessa akka jiran ilaaluuf* garaa isaatti murteesse.+