-
Baʼuu 20:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 10 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. Ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin beeladni kee yookiin namni biyya ormaa gandeen* kee keessa jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+
-
-
Baʼuu 31:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Ani Yihowaan isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif, guutummaa dhaloota keessanii keessatti mallattoo waan taʼeef, keessumaa sanbatawwan koo kabajaa.+
-
-
Keessa Deebii 5:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Atis biyya Gibxii keessatti garbicha akka turtee fi Waaqni kee Yihowaan harka jabaa fi irree diriirfameen achi keessaa akka si baase yaadadhu.+ Waaqni kee Yihowaan guyyaa Sanbataa akka kabajju kan si ajaje kanaafi.
-