-
Ibroota 12:18-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Isin wanta harkaan qaqqabamuu dandaʼu,+ isa ibiddaan gubatu,+ duumessa gurraacha, dukkana cimaa fi bubbee,+ 19 akkasumas sagalee malakataa+ fi sagalee+ Waaqayyoo isa namoonni sun yommuu dhagaʼan sana caalaa akka isaanitti hin dubbatamne kadhatan sanatti hin dhihaanne.+ 20 Sababiin isaas ajajni, “Horiin illee gaaricha yoo tuqe, dhagaadhaan haa tumamu”+ jedhu isaan sodaachisee ture. 21 Kana malees, wanti mulʼatu baayʼee sodaachisaa waan tureef Museen, “Ani nan sodaadhe, nan romʼes”+ jedheera.
-