-
Leewwota 25:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Waggaa jaʼaaf maasii kee irratti sanyii facaasi; waggaa jaʼaaf muka wayinii kee gondoli;* oomisha lafattiis sassaabbadhu.+ 4 Waggaa torbaffaan garuu biyyattiidhaaf sanbata guutummaatti itti boqotamu, jechuunis sanbata Yihowaa haa taʼu. Maasii kee irratti sanyii hin facaasin yookiin muka wayinii kee hin gondolin.
-