-
Baʼuu 39:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Achiis isaan godoo qulqulluu+ sana, jechuunis dunkaanichaa+ fi miʼawwan isaa hundumaa gara Museetti fidan; wantoonni isaan fidan kanneen kana turan: wal qabsiistuuwwan+ isaa, maqaaniiwwan+ isaa, danqaraawwan+ isaa, utubaawwan isaa, miiloowwan isaa warra uraa qaban,+ 34 wanta irraan uwwifamuu fi gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame irraa+ tolfame, wanta irraan uwwifamuu fi gogaa tahaash irraa tolfame, golgaa+ taaboticha duratti fannifamu,
-