-
Baʼuu 36:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Achiis inni muka laaftoo irraa danqaraawwan ni tolche; maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa tokkoon argamaniif danqaraawwan shan,+ 32 maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa kan biraatiin argamaniif danqaraawwan shan, akkasumas maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa duubaatiin, jechuunis gara dhihaatiin argamaniif danqaraawwan shan ni tolche. 33 Danqaraa gidduu isa maqaaniiwwan sana walakkaa darbuu fi fiixee isa tokkoo hamma fiixee isa kaanii gaʼus ni tolche.
-