-
Baʼuu 38:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Golgaan balbala mooraa sanaa foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa walitti kan dhaʼame ture. Golgaan kun dheerinni isaa dhundhuma 20, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 5 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa ol dheerina golgaa mooraa sanaa wajjin wal qixa dha.+ 19 Utubaawwan isaa arfanii fi miiloowwan isaanii warri uraa qaban arfan sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Hookkoowwan isaanii fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman yeroo taʼu, gubbaan isaanii immoo meetiidhaan kan uwwifame ture.
-