LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 39:8-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Achiis inni kiisii qomaa+ sana ni tolche. Kiisiin qomaa sun akkuma efuudichaa nama xilfii dhaʼuun warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa kan tolfame ture.+ 9 Yommuu dachaafamus rogni isaa arfan wal qixa ture. Isaan kiisii qomaa yommuu dachaafamu dheerinni isaas taʼe dalgi isaa taakkuu* tokko taʼu ni tolchan. 10 Innis achi irratti tarree afuriin dhagoota ni maxxanse. Tarreen inni jalqabaa ruubii, tophaaziyonii fi imeraaldi ture. 11 Tarreen inni lammaffaan tarkooyis, safiroosii fi yaasphis ture. 12 Tarreen inni sadaffaan lesheem, ageetii fi ametiisxos ture. 13 Tarreen inni arfaffaan immoo kirisoliixos, oniiksii fi jeed ture. Isaan baattuuwwan warqii irraa tolfaman irra kaaʼamanii turan. 14 Dhagoonni kun maqaa ilmaan Israaʼel 12n kan bakka buʼan turan; maqaawwan isaanii akkuma chaaphaatti kan bocaman yeroo taʼu, maqaan tokko gosoota 12n keessaa isa tokko kan bakka buʼu ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi