8 Isaan daandii akka irra deeman ani isaan ajaje irraa hatattamaan jalʼataniiru.+ Ofii isaaniitiifis siidaa jabbii tolfataniiru; akkasumas, ‘Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana dha’ jedhanii isaaf sagadaa fi aarsaa isaaf dhiheessaa jiru.”