-
Leewwota 22:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Akkana jedhii Aaronitti, ilmaan isaattii fi Israaʼelota hundumaatti dubbadhu: ‘Namni Israaʼel tokko yookiin namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatu tokko wareega isaa raawwachuuf yookiin kennaa fedhiidhaan kennamu+ dhiheessuuf aarsaa gubamu Yihowaadhaaf yoo dhiheesse,+ 19 inni fudhatama argachuuf, horii isaa keessaa jibicha mudaa hin qabne,+ hoolota xobbaallaa yookiin reʼoota haa dhiheessu. 20 Fudhatama waan isiniif hin argamsiisneef, wanta mudaa qabu akkamii iyyuu hin dhiheessinaa.+
-