LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 6:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Inni cubbuu yoo hojjetee fi yakkamaa yoo taʼe, wanta hate, wanta saame, wanta gowwoomsee fudhate, wanta imaanaadhaan isatti kenname yookiin wanta badee argate sana haa deebisu; 5 yookiin wanta waaʼee isaa sobaan kakate kam iyyuu haa deebisu; wanta sanaaf kiisii haa kaffalu;+ gatii isaa irrattis harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu. Guyyaa yakkamaa taʼuun isaa itti mirkanaaʼetti wanta sana abbaa isaatiif haa kennu.

  • Leewwota 22:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “‘Namni tokko dogoggoraan wanta qulqulluu irraa yoo nyaate, inni harka shan keessaa harka tokko itti dabalee aarsaa qulqulluu sana lubichaaf haa kennu.+

  • Lakkoofsa 5:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka cubbuuwwan ilmaan namootaa keessaa isa kam iyyuu yoo raawwatanii fi Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin yoo hafan, isaan yakkamtoota ni taʼu.+ 7 Namni sun cubbuu hojjete sana haa himatu;*+ yakka isaatiifis kiisii godhee gatii guutuu haa kaffalu; akkasumas gatii sana keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu;+ isas nama balleessaa irratti raawwate sanaaf haa kennu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi