-
Leewwota 4:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “‘Haa taʼu malee, gogaa jibicha kanaa, foon isaa hundumaa, mataa isaa, luka isaa, marʼimaan isaa, cumaa*+ isaa, 12 jechuunis qaama jibicha sanaa isa hafe hundumaa buufatichaa alatti iddoo qulqulluu bakka daaraan* itti gatamutti akka geeffamu godha; achiis qoraan irra kaaʼee ibiddaan haa gubu.+ Wanti kun bakka daaraan itti gatamutti haa gubamu.
-
-
Leewwota 16:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 “Jibichi aarsaa cubbuu fi reʼeen aarsaa cubbuu warri araara argamsiisuuf dhiigni isaanii gara iddoo qulqulluutti geeffame sun, buufatichaa alatti geeffamu; gogaan isaanii, foon isaanii fi cumaan isaanii ibiddaan ni gubama.+
-