-
Leewwota 4:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “‘Achiis cooma jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa hundumaa, jechuunis cooma marʼimaan uwwisee fi cooma marʼimaanitti marsee jiru, 9 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni baasa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 10 Wantoonni jibicha kana irraa baafaman, wantoota qotiyyoo aarsaa gamtaa+ irraa baafamanii wajjin tokko dha. Lubichis wantoota kana iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu irratti aarsa.
-