-
Leewwota 13:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 “Yookiin namni tokko ibiddaan gubatee godaannisa yoo qabaatee fi foon godaannisa sanaa roobbii adii gara diimaatti dhihaatu yookiin roobbii adii yoo taʼe, 25 lubichi roobbii sana ni qora. Rifeensi roobbii sana irra jiru yoo addaatee fi gogaa sana darbee kan seene yoo taʼe, kun dhukkuba nadaayii godaannisa sana irratti baʼe waan taʼeef, lubichi namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii ti.
-