-
Leewwota 20:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “‘Dhiirri tokko obboleettii isaa, jechuunis intala abbaa isaa yookiin intala haadha isaa wajjin saalqunnamtii yoo raawwatee fi qullaa ishii yoo arge, ishiinis qullaa isaa yoo argite kun salphina dha.+ Isaan ilmaan saba isaanii fuulduratti haa balleeffaman.* Inni obboleettii isaa salphinaaf* saaxileera. Balleessaa isaatiif itti gaafatama.
-
-
Keessa Deebii 27:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “‘Intala abbaa isaas taate intala haadha isaa, namni obboleettii isaa wajjin ciisu abaaramaa haa taʼu.’+ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’ jedhanii deebisu.)
-
-
2 Saamuʼel 13:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Yeroo kanatti Amnoon Taamaariin, “Harka kee irraa fudhadhee akkan nyaadhuuf, nyaaticha* gara kutaa ciisichaatti naa fidi” jedhe. Kanaafuu, Taamaar bixxillee tolchite sana fuutee Amnoon obboleessa ishiitiif kutaa ciisichaatti isaaf geessite. 11 Yommuu ishiin bixxillee sana akka inni nyaatuuf isaaf geessitus ishii qabee, “Yaa obboleettii too, kottuu anaa wajjin ciisi” ishiidhaan jedhe. 12 Ishiin garuu akkana isaan jette: “Hin taʼu, yaa obboleessa koo! Na hin salphisin; wanti akkanaa Israaʼel keessatti raawwatamuu hin qabu.+ Wanta nama qaanessu kana hin raawwatin.+
-