-
Baʼuu 28:38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Inni adda Aaron irra ni taʼa; yommuu namni tokko wantoota qulqulluu, jechuunis wantoota Israaʼelonni akka kennaawwan qulqulluutti yeroo fidanitti qulqulleessan sana irratti cubbuu raawwatu, Aaron itti gaafatamummaa isaa ni fudhata.+ Isaan Yihowaa duratti fudhatama akka argataniif, inni yeroo hunda adda isaa irra taaʼuu qaba.
-
-
Lakkoofsa 18:32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Isin isaan keessaa isa hunda irra caalu buusii yoo gootan cubbuu ofitti hin fiddan; wantoota qulqulluu Israaʼelotaa hin xureessinaa; taʼuu baannaan ni duutu.’”+
-