-
Keessa Deebii 1:26-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Isin garuu achitti ol baʼuu diddanii ajaja Waaqa keessan Yihowaa irratti ni finciltan.+ 27 Dunkaanota keessan keessattis akkana jettanii gungumuu keessan itti fuftan: ‘Yihowaan Amooronni haxaaʼanii akka nu balleessaniif harka isaaniitti dabarsee nu kennuuf biyya Gibxii keessaa kan nu baase waan nu jibbeefi. 28 Gara iddoo akkamii dhaqaa jirra? Obboloonni keenya, “Isaan namoota nu caalaa guguddoo fi dhedheeroo taʼani dha; magaalonni isaaniis guguddoo fi dallaawwan dhagaa samii bira gaʼan kan qabani dha;+ ilmaan Anaaqiimiinis+ achitti argineerra” jedhanii nu sossodaachisan.’*+
-