-
Lakkoofsa 4:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 “Eleʼazaar+ ilmi Aaron lubichaa zayitii ibsaa,+ ixaana urgaaʼu,+ aarsaa midhaanii isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi zayitii dibataa+ sana ol aantummaadhaan toʼachuu irratti itti gaafatamummaa qaba. Inni iddoo qulqulluu fi miʼawwan isaa dabalatee, guutummaa godoo qulqulluu sanaa fi wanta achi keessa jiru hundumaa ol aantummaadhaan ni toʼata.”
-
-
Lakkoofsa 20:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Achiis Museen uffata Aaron isa irraa baasee ilma isaa Eleʼazaaritti uwwise. Sana booda Aaron fiixee gaarichaa irratti ni duʼe.+ Musee fi Eleʼazaaris gaaricha irraa gad ni buʼan.
-