-
Baʼuu 27:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Mooraan sun utubaawwan 20, akkasumas miiloowwan uraa qabanii fi sibiila diimaa irraa tolfaman 20 ni qabaata. Hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa haa tolfaman. 11 Golgaan gara kaabaatiif taʼus dhundhuma 100 ni dheerata; utubaawwan isaa 20nii fi miiloowwan isaanii warri uraa qabanii fi sibiila diimaa irraa tolfaman 20ni ni jiraatu; akkasumas utubaawwan sun hookkoowwanii fi wal qabsiistuuwwan* meetii irraa tolfaman ni qabaatu.
-