-
Iyyaasuu 5:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Mootonni Amoorotaa+ warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin* argaman hundii fi mootonni Kanaʼaanotaa+ warri galaanicha biratti argaman hundi Yihowaan Israaʼelonni hundi hamma ceʼanitti bishaan Yordaanos isaan duratti gogsuu isaa akkuma dhagaʼaniin baayʼee ni sodaatan;*+ Israaʼelotaan kan kaʼes onnachuu hin dandeenye.*+
-