-
Keessa Deebii 18:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Haa taʼu malee ati garaa keetti, “Wanta kana Yihowaan akka hin dubbanne akkamitti beekna?” jettee yaadda taʼa. 22 Raajiin sun maqaa Yihowaatiin dubbatee, wanti inni dubbate sun utuu hin raawwatamin yoo hafe yookiin soba yoo taʼe, wanta sana kan dubbate Yihowaa miti jechuu dha. Raajichumatu of tuulummaadhaan kakaʼee dubbate. Ati isa hin sodaatin.’
-