-
Keessa Deebii 3:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Oog mootiin Baashaan namoota Refaayim keessaa isa dhumaa ture. Sireen* reeffaa isaa sibiila* irraa kan tolfame yeroo taʼu, hamma harʼaattis Raabaa ishii magaalaa Amoorotaa taate keessatti argama. Sireen sun akka safartuu baramaa taʼeetti dheerinni isaa dhundhuma* sagal, dalgi isaa immoo dhundhuma afur ture.
-
-
Keessa Deebii 4:47Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Isaanis biyya isaa fi biyya Oog+ mootii Baashaan, jechuunis biyya mootota Amoorotaa lamaan warra naannoo Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argaman sanaa dhaalaan ni fudhatan;
-
-
Iyyaasuu 13:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaaniif kennetti, Ruubenonnii fi Gaadonni gosa walakkaa isa hafee wajjin dhaala isaanii isa Museen Yordaanos irraa kallattii bahaatiin isaaniif kenne fudhataniiru:+
-