-
Baʼuu 25:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Isaan iddoo qulqulluu anaaf ni ijaaru; anis isaan gidduu nan jiraadha.+
-
-
Keessa Deebii 5:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Foon kan taʼe hundumaa keessaa namni akkuma keenya yeroo Waaqni jiraataan ibidda keessaa dubbatu sagalee isaa dhagaʼee lubbuudhaan oole eenyu?
-
-
2 Saamuʼel 7:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Yaa Waaqayyo ati dhaqxee wantoota guguddaa fi sodaachisaa taʼan isaaniif gootee+ maqaa kee waamsifachuudhaan+ saba kee furteetta.+ Ati saba kee warra ofii keetiif Gibxii jalaa furteef jettee, sabootaa fi waaqolii isaanii ariiteetta.
-