LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 13:23-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Yommuu Sulula* Eshkool+ gaʼanitti, damee firii wayinii walitti tuutaʼe qabuu fi namoota lamaan uleedhaan baatamu tokko bakka sanaa ni kutan; akkasumas romaanii fi harbuu muraasa ni fidan.+ 24 Isaan firii walitti tuutaʼe isa Israaʼelonni achii kutaniin kan kaʼe maqaa iddoo sanaa Sulula* Eshkool*+ jedhanii moggaasan.

      25 Guyyaa 40 boodas,+ biyyattii basaasanii deebiʼan. 26 Kanaafuu, isaan Qaadesh+ ishii lafa onaa Phaaraan keessatti argamtutti gara Musee, gara Aaronii fi gara guutummaa yaaʼii Israaʼelitti deebiʼan. Isaanis guutummaa yaaʼichaatiif oduu fidanii dhufan; akkasumas firii biyyattii isaanitti argisiisan. 27 Oduun isaan Museetti himan kana ture: “Gara biyyattii ati itti nu ergitetti seenneerra; ishiin dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu dha;+ firiin ishiis kunoo ti.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi