-
Leewwota 11:4-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “‘Haa taʼu malee, horiiwwan alala guuran yookiin kotteen isaanii baqaqe kana hin nyaatinaa: gaalli alala kan guuru taʼus kotteen isaa baqaqaa miti. Inni isiniif xuraaʼaa dha.+ 5 Osoleen+ alala kan guurtu taʼus kotteen ishii baqaqaa miti. Ishiin isiniif xurooftuu dha. 6 Illeettiin alala kan guurtu taʼus kotteen ishii baqaqaa miti. Ishiin isiniif xurooftuu dha. 7 Booyyeen+ kotteen isaa baqaqee lamatti kan hirame taʼus alala hin guuru. Inni isiniif xuraaʼaa dha. 8 Foon isaanii irraa isa kam iyyuu hin nyaatinaa yookiin raqa isaanii hin tuqinaa. Isaan isiniif xuraaʼoo dha.+
-