-
Baʼuu 12:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “‘Guyyaan kun yaadannoo isiniif ni taʼa; guutummaa dhaloota keessanii keessattis akka ayyaana Yihowaatti isa kabajaa. Akka dambii dhaabbataatti isa kabajaa.
-
-
Baʼuu 13:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Guyyaa sanattis, ‘Kana kanan godhu, yommuu ani biyya Gibxiitii baʼetti wanta Yihowaan naaf godheen kan kaʼe dha’ jedhiitii ilma keetti himi.+ 9 Yihowaan harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa waan si baaseef, seerri Yihowaa afaan kee keessa akka taʼuuf, kun harka kee irratti akka mallattoo ni taʼa; adda kee irrattis* akka yaadannoo ni taʼa.+
-