-
Iyyaasuu 8:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Guutummaan Israa’el, jaarsoliin isaanii, geggeessitoonnii fi abbootiin murtii isaanii Leewwota luboota taʼan warra taabota kakuu Yihowaa baachaa turan dura Taaboticha irraa garanaa fi garasiin dhaabbachaa turan. Namoonni biyya ormaas taʼan lammiiwwan biyyattii+ achi jiru turan. Isaan saba Israaʼel eebbisuuf (Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe ajajee turetti),+ walakkaan isaanii Gaara Geriizim fuullee, walakkaan isaanii immoo Gaara Eebaal+ fuullee ni dhaabbatan.
-