16 ani immoo wantoota kana isin irratti nan raawwadha: Dhiphinaan, daranyoo sombaatiin, akkasumas dhaqna gubaa cimaadhaan isin adabee ijji keessan akka dadhabuu fi lubbuun keessan akka dhumu nan godha. Diinota keessantu isa nyaata waan taʼeef, isin akkanumaan sanyii keessan facaaftu.+