-
Iyyaasuu 2:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Akkuman jaalala amanamaa isinitti argisiise, isinis maatii abbaa kootiitti jaalala amanamaa akka argisiistan maaloo, maqaa Yihowaatiin naaf kakadhaa; mallattoo amansiisaas naaf kennaa. 13 Lubbuu abbaa koo fi lubbuu haadha tiyyaa, lubbuu obboloota koo fi obboleettota kootii, akkasumas wanta kan isaanii taʼe hundumaa naaf oolchaa; duʼa irraa nu* oolchaa.”+
-
-
Iyyaasuu 2:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Namoonni sunis akkana ishiidhaan jedhan: “Nuti kakaa nu kakachiiste+ kana eeguuf kan dirqamnu, 18 gara biyyattiitti yommuu dhufnu wadaroo diimaa kana foddaa ittiin gad nu buuste irratti yoo hiite qofa dha. Abbaa kee, haadha tee, obboloota kee fi maatii abbaa keetii hundumaa mana kana keessatti walitti qabi.+ 19 Yeroo kanatti namni kam iyyuu mana kee keessaa gara alaatti yoo gad baʼe dhiigni isaa mataa isaa irra taʼa; nutis yakka irraa walaba taana. Haa taʼu malee, namoota sii wajjin mana keessa jiran keessaa isa kam irra iyyuu balaan yoo gaʼe,* dhiigni isaa mataa keenya irra taʼa.
-