LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 2:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Harʼa namoota samii jalatti argaman warra waaʼee kee dhagaʼan hundumaa irratti sodaa buusuu nan jalqaba. Isaan sababii keessaniin ni jeeqamu, ni romʼus.’*+

  • Keessa Deebii 11:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Namni tokko illee isin dura hin dhaabbatu.+ Akkuma isin abdachiisettis Waaqni keessan Yihowaan guutummaan biyya isin keessa deemtan sanaa isiniin kan kaʼe akka romʼuu fi akka sodaatu ni godha.+

  • Iyyaasuu 2:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra. 11 Nuti waaʼee kanaa yeroo dhageenyetti baayʼee sodaanne;* isiniin kan kaʼe namni hin sodaanne tokko illee hin jiru; sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan ol samii irratti, gad lafa irrattis Waaqa dha.+

  • Iyyaasuu 5:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Mootonni Amoorotaa+ warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin* argaman hundii fi mootonni Kanaʼaanotaa+ warri galaanicha biratti argaman hundi Yihowaan Israaʼelonni hundi hamma ceʼanitti bishaan Yordaanos isaan duratti gogsuu isaa akkuma dhagaʼaniin baayʼee ni sodaatan;*+ Israaʼelotaan kan kaʼes onnachuu hin dandeenye.*+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi