-
Baʼuu 23:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Utuu ati achi hin gaʼin diinota keetti naasuu* nan erga;+ ani Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota si duraa nan ariʼa.+ 29 Lafattiin ona akka hin taanee fi bineensonni bosonaa si miidhan achitti akka wal hin horreef, ani waggaa tokko keessatti si duraa isaan hin ariʼu.+ 30 Hamma ati wal hortuttii fi hamma lafattii dhaalaan fudhattutti suutuma suuta isaaniin si duraa nan ariʼa.+
-