-
Lakkoofsa 21:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Kanaan kan kaʼes, Israaʼel magaalota kana hundumaa ni fudhate; isaan Heshboonii fi magaalota ishii jalatti* argaman dabalatee, magaalota Amoorotaa+ hundumaa keessa jiraachuu jalqaban. 26 Sababiin isaas, Heshboon magaalaa Sihoon isa mootii Amoorotaa taʼe sanaa turte; inni mootii Moʼaabii wajjin wal lolee hamma Arnoonitti guutummaa biyya isaa isa irraa fudhatee ture.
-