-
Keessa Deebii 3:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yeroo sanatti lafa kana dhaalaan ni fudhanne. Innis naannoo Aroʼer+ ishii Sulula* Arnoon biratti argamtu irraa jalqabee jiruu fi walakkaa naannoo gaarotaa Giiliyaad kan dabalatu ture; anis magaalota ishii Ruubenotaa fi Gaadotaaf nan kenne.+ 13 Kutaa Giiliyaad isa hafee fi guutummaa Baashaan isa bulchiinsa Oog taʼe immoo walakkaa gosa Minaaseetiif nan kenne.+ Guutummaan naannoo Argoob inni kan Baashaan taʼe biyya Refaayim jedhama ture.
-