54 Naannoo isaanii keessatti gandeen buufatawwan isaanii taʼan kanneen kana turan: sanyiiwwan Aaron warra maatii Qehaatotaa taʼaniif carraan inni jalqabaa ni baʼe; 55 isaanis biyya Yihudaa keessaa Kebrooniin+ iddoowwan dheedichaa naannoo ishiitti argamanii wajjin isaaniif ni kennan.