2 Achiis Waaqayyo halkan Israaʼelitti mulʼatee, “Yaaqoob, Yaaqoob!” jedhee isa waame; innis, “Kunoo asan jira!” jedhee deebise. 3 Waaqayyos akkana isaan jedhe: “Ani Waaqa dhugaa isa Waaqa abbaa keetii taʼe sana dha.+ Achitti saba guddaa waanan si godhuuf, gara Gibxiitti gad buʼuu hin sodaatin.+