-
Uumama 17:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Itti dabaluudhaanis Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe: “Atii fi sanyiin kee warri si booda dhufan dhalootaa hamma dhalootaatti kakuu koo eeguu qabdu. 10 Kakuun koo inni anaa fi isin gidduutti galame, inni atii fi sanyiin kee warri si booda dhufan eeguu qabdan isa kana dha: Dhiirri isin gidduutti argamu kam iyyuu dhaqna qabamuu qaba.+ 11 Isin foon qolofa* keessanii murachuu qabdu; kunis kakuu anaa fi isin gidduutti galameef mallattoo ni taʼa.+
-