-
Abbootii Murtii 4:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis Yihowaan Siseeraan, gaariiwwan fardaa waraanaa isaa hundii fi raayyaan waraanaa isaa hundi goraadee Baaraaq duratti akka burjaajaʼan+ ni godhe. Dhuma irrattis Siseeraan gaarii fardaa isaa irraa buʼee miilaan ni baqate. 16 Baaraaqis gaariiwwan fardaa waraanaa fi raayyaa waraanaa sana hamma Harosheet ishii kan sabootaa taateetti ni ariʼe. Kanaafuu, guutummaan raayyaa waraanaa Siseeraa goraadeedhaan ni dhume; isaan keessaa tokko illee hin hafne.+
-