-
Abbootii Murtii 3:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Achiis inni, “Yihowaan Moʼaabota warra diinota keessan taʼan harka keessanitti dabarsee waan kenneef, na duukaa buʼaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan isa duukaa buʼanii Moʼaabonni akka hin darbine dhowwuuf malkaawwan Yordaanos ni qabatan; namni tokko iyyuu akka ceʼus hin heyyamne.
-
-
Abbootii Murtii 7:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Giidewonis, “Miidiyaaniin rukutuuf gad buʼaa; iddoowwan bishaaniis hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti qabadhaa” jedhee guutummaa naannoo gaarotaa Efreem keessatti ergamtoota erge. Kanaafuu, namoonni Efreem hundi walitti ni qabaman; bishaan hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti argamus ni qabatan.
-