-
2 Saamuʼel 23:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Isatti aansuudhaan Shaamaa ilma Agee Haraarichaa ture. Filisxeemonnis Lehiitti bakka maasiin misirri irra guute tokko jirutti walitti qabaman; namoonni sunis Filisxeemotaan kan kaʼe ni baqatan. 12 Inni garuu maasicha gidduutti iddoo isaatii utuu hin sochoʼin maasicha irraa isaan ittise; Filisxeemotas ni rukute; akka kanaan Yihowaan injifannoo* guddaa argamsiise.+
-