30 Warri kana argan hundis, “Guyyaa Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa itti baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti matumaa wanti akkanaa raawwatamee yookiin argamee hin beeku. Wanta kana irratti yaadaa, irratti mariʼadhaa,+ wanta gochuu qabnus nutti himaa” jedhan.