-
Uumama 17:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Itti dabaluudhaanis Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe: “Atii fi sanyiin kee warri si booda dhufan dhalootaa hamma dhalootaatti kakuu koo eeguu qabdu. 10 Kakuun koo inni anaa fi isin gidduutti galame, inni atii fi sanyiin kee warri si booda dhufan eeguu qabdan isa kana dha: Dhiirri isin gidduutti argamu kam iyyuu dhaqna qabamuu qaba.+
-
-
Abbootii Murtii 14:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Abbaan isaa fi haati isaa garuu, “Ati firoota kee fi saba keenya hundumaa gidduudhaa dubartii takka dhabdee?+ Dhaqxee Filisxeemota dhaqna hin qabamne gidduudhaa haadha manaa fuudhuu qabdaa?” isaan jedhan. Haa taʼu malee, Saamson abbaa isaatiin, “Kan anaaf taatu ishii waan taateef,* ishii na fuusisi” jedhe.
-
-
Abbootii Murtii 15:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Achiis baayʼee dheebotee, “Harka tajaajilaa keetiin fayyina guddaa kana kan argamsiise si dha. Maarree, amma ani dheebuudhaan duʼee harka warra dhaqna hin qabamnee keessatti kufuun qabaa?” jedhee gara Yihowaatti iyyate.
-
-
1 Seenaa Baraa 10:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti+ goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+
-